health, 1 March | Event in Addis Ababa | AllEvents

health

Dr. Obsa A

Highlights

Sun, 01 Mar, 2026 at 11:00 am

Idoro,

Advertisement

Date & Location

Sun, 01 Mar, 2026 at 11:00 am (EAT)

Idoro

Addis Ababa, Ethiopia

Save location for easier access

Only get lost while having fun, not on the road!

About the event

health
HARMA HAADHAA
********************
Harmi haadhaa Daa'imaaf nyaata madaalawaa pirootiinii,kaarboohaaydireetii,faatii, elementoota barbaachisaa fi dhangala'oo haala daa'imaaf gahaa taheen of keessaa qabaachuun cinatti dandeetti daa'imni dhukkuboota infekshinii garaa garaa ofirraa ittisuu kennaafi waan taheef carraan infekshinii akka sirna bullaainsaa(GI tract),gurraa(otitis media),sombaa(pneumonia) fi kkf qabamuu isaanii akka xiqqaatu godha fi osuma qabamanillee dhukkubni itti hin cimu.

Faayidaa daa’imman harma hoosisuun haadha sanaafis ta’e daa’imaaf kennu!

#Haadhaaf
*Kan baasii hinqabne, qopheessuu hin barbaachifne fi yeroo hunda argamu dha.
*Ofitti amanamummaa haadhaa, akka isheen daa’imasheef geessuu taate dabala.
*Da’umsa booda dhiigni karaa gadameessaa dhiigu akka dafee dhaabbatu taasisa.
*Ulfaatina qaamaa / furdina yeroo ulfaa dabalan dafanii bakka duraatti deebisuuf ni gargaara.
*Rakkoo amalaa (mood disorder ) adda addaa da’umsa booda dhufuu malan hir’isa!
*Ulfa ittisuuf ni fayyada.
*Kaanserii harmaa fi gadameessaa ni hi’isa.
…….
#Daa’imaaf
*Hanga umurii ji’a ja’aa tti- Aannan haadhaa waantoota qaama daa’immaniif barbaachisan hunda (vaayitaamin D’n alatti) kan qabuu fii akkaataa umuriin daa’imaa barbaaduun kan guute dha.
*Yeroo hunda qulqulluu, qophaa’aa fi ho’aa (fresh) kan ta’e dha.
*Akkasumas mar’immaan daa’imaa waliin salphaatti kan wal-simatuu, kan bullaa’uu fi qaamatti fudhatamu dha.
*Aannan haadhaa qabiyyeewwan farra baakteeriyaa ta’an kan qabu waan ta’eef dhibee adda addaa daddarboo ta’an kanneen akka dhibee garaa kaasaa,infekshinii gurraa,dhibee sombaa,dhibee meningitis fi kkf isaanirra ittisuuf ni gargaara.
*Daa’imman harma haadhaa ga’aa argatan,kanneen aannan gosa garbiroo dhuganii guddatan irra carraa isaan amala fi dandeettii fooyya’aa ta’e (better IQ) qabaachuu isaanii olka’aa dha jedhamee yaadama.
*Yeroo guddatan carraan isaan dhibeewwan akka dhiibbaa dhiigaa, sukkaaraa, furdina humnaa oliif saaxilaman kanneen arma haadhaa hin arganne irra xiqqaa dha.
*Akkasumas carraa isaan dhibee sinsinnaa’uu qaamaa (allergy kan jennu) -kanneen akka asmii,allergii funyaanii,allergii gogaa qaamaa qabaachuu isaanii ni xiqqaata.
Kanaaf haadholiin hanga ji’a ja’aatti aannan harma haadhaa qofa,sana booda ammoo hanga waggaa 2tti soorata dabalataan cinatti harma hoosisuun baay’ee gaariidha.

kanaafuu daa'ima hanga ji'a jaha guututti harmi haadhaa akka nyaataa fi dhugaatiittiis gahaadha waan taheef waan biraa kennuufiin hin barbaachisu hattaa bishaanillee.

Dr.Obsa A


Also check out other Health & Wellness events in Addis Ababa.

interested
Stay in the loop for updates and never miss a thing. Are you interested?
Yes
No

Ticket Info

To stay informed about ticket information or to know if tickets are not required, click the 'Notify me' button below.

Advertisement

Nearby Hotels

Idoro,, Addis Ababa, Ethiopia
Get updates and reminders
Ask AI if this event suits you

Host Details

Dr. Obsa A

Dr. Obsa A

Are you the host? Claim Event

Advertisement
health, 1 March | Event in Addis Ababa | AllEvents
health
Sun, 01 Mar, 2026 at 11:00 am