Ergamoonni qaama sagadamuuf osoo hin taane qaama sagadaniif qabu.
Macaafa Qulqulluu keessatti, Ergamoonni qaama Waaqayyoon bakka bu'anii tajaajilanii fi taateewwan garaagaraa kan raawwatan qaama samii ta'anii mul'ataniiru. Macaafa Qulqulluu keessatti ergamoonni taatee garaagaraa kan raawwatan hedduun yoo jiraatan illee, ani immoo taatee ijoo gugguddoo 6 (Ja'a) isiniifan barreessa.
1- Ergamtootaa fi Beeksiftoota dubbii Waaqayyooti
οΏ½Yeroo hedduu ergamoonni "Ergamtoota" ta'anii tajaajilu. Akkasumas immoo, Beeksisa barbaachiisaa fi qajeelfama Waaqayyo biraa ba'e fuudhanii gara namoota dhuunfaa fi sabaatti fidu.
οΏ½Fakkeenyaaf, Ergamaan Gabri'eel dhalachuu Yohaannis cuuphaa fi dhalachuu Yesuus Kiristoos akka Beeksisuuf ergamee ture (Luq 1:11-19, 26-38).
2- Eegdotaa fi Ittistoota dha.
οΏ½Ergamoonni saba Waaqayyoo kan eeganii fi balaa irraa kan ittisan akka ta'anitti barreeffamaniiru. Macaafa Faarfannaa 91:11-12 irratti "βKaraa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif ergamoota isaa siif in abbooma; βmiilli kee dhagaatti akka hin buuneef, isaan harka irratti si baatuβ jedhamee barreeffameera.
3- Waaqeffattootaa fi galateeffattoota dha.
οΏ½Ergamoonni Waaqeffattootaa fi galateeffattoota Waaqayyoo akka ta'an barreeffameera. Macaafa Isaayyas Raajichaa irratti " β"Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo Gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha.β (Isa. 6:3) jedhanii utuu isaan Gooftaa galateeffanii faarfatanii argina.
4- Tajaajiltootaa fi Hojjettoota dha.
οΏ½Ergamoonni amantootaaf hojjechuu fi tajaajiluutiin hojii Waaqayyoo raawwatu. Amantootas gargaaru. β Ibr. 1:14 irratti βIsaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree?β jechuudhaan hojii isaanii nutti hima.
5- Raawwattoota murtii Waaqayyoo ti.
οΏ½Ergamoonni deemsa murtii Waaqayyoo raawwachuu warra jal'ootaa irratti ni hirmaatu. Seenaa sodoomotaa fi Gomorootaa keessatti, magaalittiin utuu hin balleeffamiin dura Looxii fi maatii isaa oolchuudhaaf ergamoonni lama itti ergamanii ture. (Uumama 19:1-29).
6- Kunuunsitootaa fi jajjabeessitoota amantootaati.
οΏ½Ergamoonni yeroo amanaan tokko rakkinaa fi qorumsa keessa seenutti jajjabeessuu fi kunuunsuun isa gargaaru. Yesuus eddoo dhaaba geetesemaanee keessa yeroo turetti ergamaan tokko isa jajjabeessuudhaaf mul'atee ture.
βYommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul'ate.β( Luq. 22:43).
Hojiiwwan ergamootaa kana akka fakkeenya muraasaattin isiniif kaase. Ergamoonni gahee addaa addaa raawwachuu fi kaayyoo Waaqayyoo fiixomsuu, Wal qunnamtii Waaqummaa dhala namaa wajjiin qaban keessatti barbaachisummaan isaaniis hammam guddaa akka ta'e ibsuuf barbaadeeni.
Akkasumas, ergamoonni qaama sagada barbaadan utuu hin taane amantoota warra Waaqayyoof sagadan waliin isaanuu Waaqayyoof kan sagadan aantii keenya ta'uu isaaniis beekuu waan qabnuufi dha. Ergamootaaf sagaduun barsiisa Macaafa Qulqulluu (Biblical doctrine) miti ykn barsiisa Kiristaanummaa dhugaas miti. @highlight
Also check out other Sports events in Addis Ababa.